Skip to main content

Posts

Akkuma kee sirbi!

Lafa jala lixi Yookiis yaabi samii Afaanuma guuttadhuu Eenyummaa kee himi. Waraansaafi awwaalcha Kiyyoo meeqas luftee Mallattoo dhiiga kee Kan wareegaan dhufte Seenaa hin gogne qabda Kuusaa dhugaa durii Kosiitti harka keessee Hin funaaniin xurii! Yoo dhabdes akaayii Yoo argattes baqsaa Akkuma kee sirbi, akka abaluun sirbaan Morma nama dabsa Lataa Qana'iitiin
Recent posts

Muudannoo koo kan magaalaa Adaamaa

Naga keessan hundi keessanuu? Har’a muudannoo koo tokkoon isin taphachiisuu barbaade. Muudannoo koo kana irratti akka boohartan nan amana. Yaadaan osoo isin hin fageessin mee qajeelumatti gara muudannoo koo isin haa fiduu. Barri isaa bara hattoonni magaalaa Adaamaa keessatti moobaayilii gara garaa hatuudhaan gurra bahan ture. Anis kana ni beeka ture. Anis ganamaan magaalaa shaashamanneetii boorsaa koo qabadhee gara buufata konkolaataa magaala shaashamaneetti bahe. Ganamaan konkolaataa qaphadhee   yaadaan yoo magaalaa Adaamaa gahe akkamitti dhimma kiyya akka fixadhu yaadaa itti qajeele. Anis yaadaan konkolaataa, konkolaataanis daaandii isaa qabatee gara Adaamaatti qajeelle.  Sa’aa muraasaan booda magaalaa Adaamaa gahe. Kan moobayila isaa dura harkatti qabatee jiru namni martuu gara kiisa/giphii isaa dhoksaatti kaawate. Anis moobaayila koo kootii koo kiisa garaa keessa kaawadhe. Yeroo an kaawadhu kana hattichi na argaa ture. Ani immoo isa hin argine ture. Inni dhokate...

gorsoota hayyoota gaggabaabduu ishee

ü   Hiyyeesa jechuun nama qarshiin hiyyoome osoo hin taane nama sammuun hiyyoomeedha. ü   Beekaa jechuun nama dogongora ofii ofitti beekee irraa sirraa’eedha. ü   Moo’uu jechuun tokkoffaa bahuu osoo hin taane jijjiiramas agarsiisuudha. ü   Yeroo hundaa biyyi koo maal naaf goote jechuu osoo hin taane, an biyya koof maal godhe jedhii of gaafadhu. ü   Barumsa barattee qoramta, jireenya immoo qoramtee baratta. ü   Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf miila hin muran. ü   Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatuuyyuu, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu. ü   Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti adunyaa naannofti. ü   Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin. ü   Waggatti jiruu dabali malee, jirutti waggaa hin dabalin. ü   Mucucaattee yoo kufte balleessaa kee ta’uu hin danda’u, balleessaa kee kan tahuu danda’u yoo bakka kufte sanii ka’uu dadhabeedha. H...

Eenyuti naaf beeka?

Eenyutu naaf beeka Sammuun koo dhiphatee Garaan na gubatee Akka garaa kootii Hundi osoo hubatee Waan tokko baratee Ofii isaatii beekee Lammiilee beeksisee Ol qajeellee deemnaa Maaltu nu rakkisee Ganamaaf galgala Natti deddeebi’aa Gad ciisus hin rafuu Osoo yaaduun bula Kana naaf hin beeku Namni kamuu silaa Guyyaan nuti waa barru Yoom…dhufa? Kophaan kan koo eega Iyyee iyyee dadhabee Eenyutu naaf beeka? maddi kitaaba Aabjuu Dhugoome jedhu kan barataa Abdurahmaan Eda'ootiin barraa'e keessaa!! Isinis walaloo, baacoo, mammaaksota afaan oromoo gara garaa yoo qabaattan karaalee armaan gadii kanneen keessaa tokkoon nu qunnamuu ni dandeessu. 1.     Lakk bilbilaa… +251926939419 2.     E-mail…            taphafaanoromoo@gmail.com 3.     Facebook…      https://www.facebook.com/taphafaanoromoo Karaalee armaan gubbatti...

Osoo si tahee maal goota?

Jaalaleewwa lama turan. Isaanis akka ajaa’ibaa kanatti wal jaalatu. Wal malee hin deeman, hin taa’an, hin nyaatan. Sababuma kanaan maqaa masoo “roomi’oo fi juuleeyti” jedhu argatanii jiru. Osoma akkanatti jiranii ija namaa keessa bu’an se’aa ani wal dhaban. Wal dhabaniis araaramuu dadhabanii gargar bahan. Martuu jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban.. innis gara magaalaa biraa deemee; isheenis gara magaalaa biraatti deemtee jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban. Turtii waggaa lamaa  booda isaan lachanuu gara magaalaa duraaniitti deebi’an. Akkuma deebi’aniin wal argan.  Aariin warra lachuu irraa baddee jirtuuf; akkuma wal arganiin akkuma duraa jechuun yeroo jaalalaan waliin turan sanitti naga bareedaa fi hoo’aa tahe wal gaafatan. Haaluma kana fakkaatu keessa osoo jiran dargageesichi ishee waliin buluu akka barbaadu itti hime. Isheenis gaafii isaa osoo hin didin tole jettee qeebalte. Isaan lachanuu gammadanii wal qunnamtii saalaa osoo geggeessan lafti isaanit...

Baacolee gaggabaaboo lamaan( Namicha kijibaa fi Meeshaa chaayinaa)

Namicha kijibaa namicha tokkotu akka ajaa’ibaa kana kijiba ture. Jaarmaaniin waggaa jaha jiraadhe, hoolaandiin immoo waggaa torba jiraadhe, ingliiziin waggaa afur jiraadhe, xaaliyaaniin immoo waggaa sadeeti jiraadhe jedhaati nama biraa tokkotti hima ture. Hangasitti namichis “ji’oograafii sirritti beekta kaa?” jennaan “achi immoo waggaa shan jiraadhe” jedheen jedhama. Meeshaa chaayinaa akkuma beekkamu chaayinaan biyya teenya karaa hedduun dhuunfateetti jechuun ni danda’ama. Meeshaalee dheedhii hedduu isaa kan biyya isaanii keessatti hin argamne biyya keenya keessa fudhachuun meeshaa badaa gatii ol kahaan gara keenya deebisanii gurguru. Kun waan beekamu waan taheef mee irra haa darbuu. Chaayinicha tokkotu hojiif biyya keenya kana dhufee intala biyya keenyaa takka fuudhe. Gaafa intalti namicha  kanatti heerumtu haati immoo akkana intala isheen jetteen; “intala tiyya lakkii chaayinicha kanatti hin heerumin; meeshaan chaayinaa barakaa hin qabuu” jetteen ture. Intalti i...