Skip to main content

Baacolee gaggabaaboo lamaan( Namicha kijibaa fi Meeshaa chaayinaa)

Namicha kijibaa

namicha tokkotu akka ajaa’ibaa kana kijiba ture. Jaarmaaniin waggaa jaha jiraadhe, hoolaandiin immoo waggaa torba jiraadhe, ingliiziin waggaa afur jiraadhe, xaaliyaaniin immoo waggaa sadeeti jiraadhe jedhaati nama biraa tokkotti hima ture. Hangasitti namichis “ji’oograafii sirritti beekta kaa?” jennaan “achi immoo waggaa shan jiraadhe” jedheen jedhama.


Meeshaa chaayinaa

akkuma beekkamu chaayinaan biyya teenya karaa hedduun dhuunfateetti jechuun ni danda’ama. Meeshaalee dheedhii hedduu isaa kan biyya isaanii keessatti hin argamne biyya keenya keessa fudhachuun meeshaa badaa gatii ol kahaan gara keenya deebisanii gurguru. Kun waan beekamu waan taheef mee irra haa darbuu. Chaayinicha tokkotu hojiif biyya keenya kana dhufee intala biyya keenyaa takka fuudhe. Gaafa intalti namicha  kanatti heerumtu haati immoo akkana intala isheen jetteen; “intala tiyya lakkii chaayinicha kanatti hin heerumin; meeshaan chaayinaa barakaa hin qabuu” jetteen ture. Intalti immoo gorsa haadha ishee kana hin dhageenyee dideetuma itti heerumte. Namni erga heerumee fi fuudhee booda daa’ima argachuun waan hin oollee mire. Isaanis daa’ima tokko argatan. Daa’imni isaaniis ji’a muraasa booda jalaa deebi’e yookiin du’e. gaafa kaan haati booya dhuftee booyaati intalaan akkana jetteen “ yaa intala tiyya maaf itti heerumte qara? Kunoo kana siin jedhamii meeshaa chaayinaa barakaa hin qabuu…”

galatoomaa dubbisuu keessaniif maddi obbo Gadaadha. Kana caalaaf nu hordofuu hin dagatinaa!!



Comments

Popular posts from this blog

Osoo si tahee maal goota?

Jaalaleewwa lama turan. Isaanis akka ajaa’ibaa kanatti wal jaalatu. Wal malee hin deeman, hin taa’an, hin nyaatan. Sababuma kanaan maqaa masoo “roomi’oo fi juuleeyti” jedhu argatanii jiru. Osoma akkanatti jiranii ija namaa keessa bu’an se’aa ani wal dhaban. Wal dhabaniis araaramuu dadhabanii gargar bahan. Martuu jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban.. innis gara magaalaa biraa deemee; isheenis gara magaalaa biraatti deemtee jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban. Turtii waggaa lamaa  booda isaan lachanuu gara magaalaa duraaniitti deebi’an. Akkuma deebi’aniin wal argan.  Aariin warra lachuu irraa baddee jirtuuf; akkuma wal arganiin akkuma duraa jechuun yeroo jaalalaan waliin turan sanitti naga bareedaa fi hoo’aa tahe wal gaafatan. Haaluma kana fakkaatu keessa osoo jiran dargageesichi ishee waliin buluu akka barbaadu itti hime. Isheenis gaafii isaa osoo hin didin tole jettee qeebalte. Isaan lachanuu gammadanii wal qunnamtii saalaa osoo geggeessan lafti isaanit...

Muudannoo koo kan magaalaa Adaamaa

Naga keessan hundi keessanuu? Har’a muudannoo koo tokkoon isin taphachiisuu barbaade. Muudannoo koo kana irratti akka boohartan nan amana. Yaadaan osoo isin hin fageessin mee qajeelumatti gara muudannoo koo isin haa fiduu. Barri isaa bara hattoonni magaalaa Adaamaa keessatti moobaayilii gara garaa hatuudhaan gurra bahan ture. Anis kana ni beeka ture. Anis ganamaan magaalaa shaashamanneetii boorsaa koo qabadhee gara buufata konkolaataa magaala shaashamaneetti bahe. Ganamaan konkolaataa qaphadhee   yaadaan yoo magaalaa Adaamaa gahe akkamitti dhimma kiyya akka fixadhu yaadaa itti qajeele. Anis yaadaan konkolaataa, konkolaataanis daaandii isaa qabatee gara Adaamaatti qajeelle.  Sa’aa muraasaan booda magaalaa Adaamaa gahe. Kan moobayila isaa dura harkatti qabatee jiru namni martuu gara kiisa/giphii isaa dhoksaatti kaawate. Anis moobaayila koo kootii koo kiisa garaa keessa kaawadhe. Yeroo an kaawadhu kana hattichi na argaa ture. Ani immoo isa hin argine ture. Inni dhokate...