Namicha kijibaa namicha tokkotu akka ajaa’ibaa kana kijiba ture. Jaarmaaniin waggaa jaha jiraadhe, hoolaandiin immoo waggaa torba jiraadhe, ingliiziin waggaa afur jiraadhe, xaaliyaaniin immoo waggaa sadeeti jiraadhe jedhaati nama biraa tokkotti hima ture. Hangasitti namichis “ji’oograafii sirritti beekta kaa?” jennaan “achi immoo waggaa shan jiraadhe” jedheen jedhama. Meeshaa chaayinaa akkuma beekkamu chaayinaan biyya teenya karaa hedduun dhuunfateetti jechuun ni danda’ama. Meeshaalee dheedhii hedduu isaa kan biyya isaanii keessatti hin argamne biyya keenya keessa fudhachuun meeshaa badaa gatii ol kahaan gara keenya deebisanii gurguru. Kun waan beekamu waan taheef mee irra haa darbuu. Chaayinicha tokkotu hojiif biyya keenya kana dhufee intala biyya keenyaa takka fuudhe. Gaafa intalti namicha kanatti heerumtu haati immoo akkana intala isheen jetteen; “intala tiyya lakkii chaayinicha kanatti hin heerumin; meeshaan chaayinaa barakaa hin qabuu” jetteen ture. Intalti i...
Comments
Post a Comment