Eenyutu naaf beeka
Sammuun koo dhiphatee
Garaan na gubatee
Akka garaa kootii
Hundi osoo hubatee
Waan tokko baratee
Ofii isaatii beekee
Lammiilee beeksisee
Ol qajeellee deemnaa
Maaltu nu rakkisee
Ganamaaf galgala
Natti deddeebi’aa
Gad ciisus hin rafuu
Osoo yaaduun bula
Kana naaf hin beeku
Namni kamuu silaa
Guyyaan nuti waa
barru
Yoom…dhufa?
Kophaan kan koo eega
Iyyee iyyee dadhabee
Eenyutu naaf beeka?
maddi kitaaba Aabjuu Dhugoome jedhu kan barataa Abdurahmaan Eda'ootiin barraa'e keessaa!!
Isinis walaloo, baacoo,
mammaaksota afaan oromoo gara garaa yoo qabaattan karaalee armaan gadii kanneen
keessaa tokkoon nu qunnamuu ni dandeessu.
1.
Lakk bilbilaa… +251926939419
Karaalee armaan gubbatti
barreesine kanneen keessaa tokkoon nu qunnamuu ni dandeessu.
Comments
Post a Comment