ü
Hiyyeesa jechuun nama qarshiin hiyyoome osoo hin
taane nama sammuun hiyyoomeedha.
ü
Beekaa jechuun nama dogongora ofii ofitti beekee
irraa sirraa’eedha.
ü
Moo’uu jechuun tokkoffaa bahuu osoo hin taane
jijjiiramas agarsiisuudha.
ü
Yeroo hundaa biyyi koo maal naaf goote jechuu
osoo hin taane, an biyya koof maal godhe jedhii of gaafadhu.
ü
Barumsa barattee qoramta, jireenya immoo
qoramtee baratta.
ü
Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen
qixxeessuuf miila hin muran.
ü
Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti
yaadu jiraachuu baatuuyyuu, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu.
ü
Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti adunyaa
naannofti.
ü
Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin
jiraatin.
ü
Waggatti jiruu dabali malee, jirutti waggaa hin dabalin.
ü
Mucucaattee yoo kufte balleessaa kee ta’uu hin
danda’u, balleessaa kee kan tahuu danda’u yoo bakka kufte sanii ka’uu
dadhabeedha.
Horaa Bulaa!!
Maxxansoota
keenya kanneen armaan duraa keessaa muraasa isaa!!
Comments
Post a Comment