ü Hiyyeesa jechuun nama qarshiin hiyyoome osoo hin taane nama sammuun hiyyoomeedha. ü Beekaa jechuun nama dogongora ofii ofitti beekee irraa sirraa’eedha. ü Moo’uu jechuun tokkoffaa bahuu osoo hin taane jijjiiramas agarsiisuudha. ü Yeroo hundaa biyyi koo maal naaf goote jechuu osoo hin taane, an biyya koof maal godhe jedhii of gaafadhu. ü Barumsa barattee qoramta, jireenya immoo qoramtee baratta. ü Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf miila hin muran. ü Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatuuyyuu, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu. ü Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti adunyaa naannofti. ü Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin. ü Waggatti jiruu dabali malee, jirutti waggaa hin dabalin. ü Mucucaattee yoo kufte balleessaa kee ta’uu hin danda’u, balleessaa kee kan tahuu danda’u yoo bakka kufte sanii ka’uu dadhabeedha. H...
walaloo, baacoo, qoosa, mammaaksa, taphoota afaan oromoo gara garaaf