Naga keessan hundi keessanuu? Har’a muudannoo koo tokkoon isin taphachiisuu barbaade. Muudannoo koo kana irratti akka boohartan nan amana. Yaadaan osoo isin hin fageessin mee qajeelumatti gara muudannoo koo isin haa fiduu. Barri isaa bara hattoonni magaalaa Adaamaa keessatti moobaayilii gara garaa hatuudhaan gurra bahan ture. Anis kana ni beeka ture. Anis ganamaan magaalaa shaashamanneetii boorsaa koo qabadhee gara buufata konkolaataa magaala shaashamaneetti bahe. Ganamaan konkolaataa qaphadhee yaadaan yoo magaalaa Adaamaa gahe akkamitti dhimma kiyya akka fixadhu yaadaa itti qajeele. Anis yaadaan konkolaataa, konkolaataanis daaandii isaa qabatee gara Adaamaatti qajeelle. Sa’aa muraasaan booda magaalaa Adaamaa gahe. Kan moobayila isaa dura harkatti qabatee jiru namni martuu gara kiisa/giphii isaa dhoksaatti kaawate. Anis moobaayila koo kootii koo kiisa garaa keessa kaawadhe. Yeroo an kaawadhu kana hattichi na argaa ture. Ani immoo isa hin argine ture. Inni dhokate...
walaloo, baacoo, qoosa, mammaaksa, taphoota afaan oromoo gara garaaf